Poetry

 

 

Jedhe Diggaa Saqoo by Zelealem Aberra / go back to Issue 5 

…….’JEDHE  DIGGAA  SAQOO !

“Korma ’nqabu
Morma ’ndhabu”

Jedhe Diggaa Saqoo abbaan Joote
Bara matta’aan dhugaa moote!

“Korma ’qabu
Morma ’ndhabu”

Jedhe Diggaa Saqoo mootiin Noolee;
Gaafa jaarsi sobaa oole.

“Gaafa xiiqii, gaafa qalmaa,
Anuu korma. ”

Jedhe Diggaa Saqoo; baddaa Jorgoo,
Kansaa xiiqiin ’nqabu moggoo!

Hora xinnoo, hamma barruu;
Daangaa gubbaa ciisee jiru,
Mootii lama wal gidiru;
As ’ncinne
Achi ’ncinne
Mootii tokkoof qooda ’ntaane;
Hora dubbi, hora lolaa, lola guddaa.
Bara-baraan biyya goola, saba sarda.
Mootiin lamaaan garaa’f dugda.
Diina ta’ee waliin ooda.

Dubbiin kun akka citu,
Dhugaan mandheetti akka galtu,
Akka mootiin wal-haammatu,
Jaarsi biyaa warri alangaa,
Silaa dhugaa fagootti argaa !
Dubbii kana akka ’laalu
Dhibee sabaa ’kka waldhaanu
Mootiin lamaan walii galu.
Akka kanaan sabni yaa’ee,
Odaa jala guutee, taa’ee,
Jaarsa dubbii kana madaalu
Beekaa, guddaa, ’kka Qaalluu
Shanee jaarsaa, warra ’langaa
Silaa dhugaa fagootti argaa!
Filateetu kakachiise, isaa bagaa!

“Dhallii keenya dhala yuuyyee
Qeeyeen keenya qeyee booyyee
Dhugaan murraa, dhugaa ’naallu
Dhugaa hallaan, qeyee keenya bofi ha dhaalu”

Jedhanii, kakatanii, waadaa galu;
Warrii jaarsaa abbaa alangaa
Dubbii muree, buusuuf nagaa!
Garuu, dhugaa ’nmurree, warri alangaa,
Dhugaa muree buusuu mannaa, biyyaaf nagaa,
Matta’aa dhaan kakuu diigee,
Dhugaa haalee sobaaf looge.

Mootii kaanoo, warqee kennee; Diggaa dhoksee,
Harka woyyaa jalaan loosee.
Warri jarsaas kakuu cabsee,
Dhugaa haalee, dhugaa dabsee,
Abbaa warqee, gurra buuse mala malee;

“Abbaan dursee, waa itti qalee
Yookaan abbaan dursee
Hora kanaaf dhiiga cobse,
Haa dhuunfatu, inn’ ’aa’tau abbaa horaa,
Akkaas jennee murtee murraa,
Waan si baasu ati maladhu;
Dubbii kana akka hinbaasne nuu kakadhu.”  

Warri jaarsa, jedhee gorse;
Matta’aa dhaan dhugaa dabsee.

Guyyaa murtii dubbii horaa,
Sabni yaa’ee taa’ee taraa;
Warri jaarsaa abbaa-alangaa akka male,
Afaan tokkoon walii galee;
“Abbaan dursee, dhiiga buusee, waa itti qalee,
Horaa kana haa dhuunfatu;
Dubbiin kunis, asuma irraatti, haadhaabatu;”
Jedhee murtee saa lallabe,
Dhugaa yaabee gadi qabee.

Mootiin moyes ’ndhaadate
Mowumsasaa ’nbaannate
“Horri kunoo duruu kooti,
Madda dheebuu saawwa  kooti,
Diggaa Saqoo maaf na didaa?
Meefaa ijoollee….. korma sanaa as naa butaa… dhaqaa fidaa”
Jedhee ijoollee saa abboome.

Ilmi Saqoos:
“Bada Diggaa nan gowwoomee?!
  Hora abbaakoo dur na saamee”
Jedhee iyyuuf waa sardamee,
Garuu…. dafee obsa uumee of abboome.

Ijoolleenis korma fiddee,
Mootiin moyees korma qaluuf lafaan hiddee.
Diggaa Saqoo eessaa ’lixu, ….eesaa ’galu ?
Maal ’aamalu, maal ’aafaluu?
Horii hinqabuu, homaa hinqalu;
Korma hinqabu;
Morma hindhabu.

Yeroo dubbiin, isa huutu, ciriq gootee,
Akkaas jedhee, Diggaa Saqoo, aarii garaa, miliqfate
Qalbii fi hamilee gudunfatee,
Saba taa’etti galgalee:

“Silaa dansaa, utuun korma  fidee qalee;
Garuu….waayee kormaa, waayee dhiigaa,
Nattii hinhimne warri jaarsaa warri alangaa,
Dhugaa Waaqaa, Dhugaa Lafaa; hindhageenye gurraa ’nqabu;
Korma qalmaa asii ’nqabu;
Waayee korma ’ndhageenye
Dhoksaan fide bosona ’nkeenye.

Mootii mooyeettis galaglee, aarii garaa milqfate
“Ishoo gurbaa, baga moote;…baga moote!
Baga balas si qanaate.
Tarii…. horri keetii,
Akka jaarsi sii muretti.
Kunoo fudhu ulee ceekaa,
Ulee saawwaa, ulee tikaa;
Hardhaa kaasee anuu beeka.
Koo ameessi akka gu’e;
Kan koo abdiin akka du’e.
Kan koo nitiin kaldhee hinqabduu;
Kan koo maatiin cooma hinwaadu.
Kee ijoolleen aannan dudhaatii;
Kan koo beelaan wal gajaati. 
Kee qomoon abbaa horaa;
Koo qomoon abbaa garaa:
Kee ijoolleen abbaa karraa;
Koo ijoolleen abbaa daara.
Kee niitiin dibattu;
Koo niitin saakachooftu.
Kee saawwi gabbataa;
Koo saawwi huuqqata.
Kee ijoolleen unattu;
Koo ijoolleen gubattu.
Kee karri muddamaa;
Koo karri xuuxamaa.
Kee baqsaan galaanaa,
Koo dubbiin faldhaana;
Kee egereen qabbana,
Koo egereen dukkana;
Kunoo fudhu ulee ceekaa,
Ulee saawwaa, ulee tikaa,
Hardhaa kaasee anuu beeka.
Tarii, hardhaa kaasee horri keeti,
Akkuma jaarsi sii muretti.
Hoo fudhaadhu ulee ceekaa
Hardhaa kaasee anuu beekaa;
Kee qeyeen akka boone;
Koo qeyeen akka one.
Koo ameessi akka gu’e;
Kan koo abdiin akka du’e.”

Garaa jaarsoliittis galagalee:

“Jiruun keessan baga oofkale.
Garuu… Korma hinqabu; itti hinqaluu;
Morma hindhabu; hora dhabee bayee hingalu.              
Dhiiga coobsuun, eega horri dhuunfa ta’e,
Haalola’u, kankoo lolaa ta’e  
Gaafa xiiqii, gaafa qalmaa
Anuu korma!
Dhiiga coobsuun, eega horri,  dhuunfa ta’e
Haalola’u kankoo, lolaa ta’e;  
Xuuri haaharu dhangala’ee.”

….jedhee, roorroo hedduu eega haasa’ee,
Goraadeesaa mandhee kaa’e,
Butee baasee of gorra’e!

“Korma ’nqabu
Morma ’ndhabu”

…..jedhee Diggaa Saqoo, abbaan Joote
Bara matta’aan dhugaa moote!

“Korma ’nqabu
Morma ’ndhabu”

…..jedhe Diggaa Saqoo mootiin Noole
Gaafa jaarsi sobaa oole.
“Gaafa xiiqii, gaafa qalmaa
Anuu korma! ”

…. jedhee, roorroo hedduu eega haasa’ee
Goraadeesaa mandhee kaa’ee,
Butee baasee of gorra’ee
Hora barruuf aarsaa ta’e.
Diggaa Saqoo, baddaa Jorgoo
Kan saa xiiqiin hinqabu moggoo!

Jorgoo Lammaaf fi hortee Diggaa Saaqoo hundaaf

Muddee 5 bara 2007

_______________________

Zelealem Aberra has published one book and four audio CDs of poetry. He was born in Naqamtee, Oromia, and currently lives in Helsinki, Finland with his wife and children..